Bilbilli Kee Si Basasaa Jira (Your Phone is Spying on You)

Bahar IsmailBy Bahar Ismail
Featured image for Bilbilli Kee Si Basasaa Jira (Your Phone is Spying on You)

Basaastuu kiisha keetitti qabattee deema jirta, akkamitti kun ta’uu danda’e? kana hubachuu fi of irraa dhaabsisuuf barreeffama kana dubbisi.

Guyya guyyaadhaan bilbilli kee kan harkaa odeffannoo gara garaa kan akka Iddoo(Location) kee, waan dubbattu, waan search gootu, ammallee waan ilaaltu walitti qabaa jira. Garuu hin yaadda’in barruu(Article) kana keessatti akkataa odeffannoo dhunfaa kee(privacy) itti eegattu wajjiin ilaalla.

Akkamitti bilbilli kee si basaasa jira? (How Is Your Phone Spying on You?)

Kareelee ittin bilbille kee si basaasuu wajjiin laalla.

1. Appilee Nama dhageeffatan( Apps That Listen)

Yeroo appii buustan(download) gootan hayyama maykirofoona kee fayyadamuu (microphone access) si gaafata, barbachisaa osoo hin ta’in hayyama san yoo latteef waan dubbattu hundumaa appiin san warabee olka’aa jira, tarii sagalee kee san dhimma beksisaati fi waan biratiif itti fayyadamuu danda’a ykn odeffannoo kee kan dhunfaa laatee kennuu mala hin beekamu.

2. Bakka jirtu hordofuu (Location Tracking)

Bilbilli kee iddo ati jirtu yero yerootti hordofuu danda’a kunis appilee akka Google Maps, Facebook, Instagram, Ticktock ammallee appilee haala qilleensa ittin laalan (weather apps) bakka ati jirtu sirrumatti beekan yoo bay’inaan fayyadamuu baattellee.

3. Kameera kee fayyadamuu (Camera Access)

Appilen gariin yeroo buuste camera access si gaafatan osoo adda hin baafatin hayyama kennitaaf tanaan suraa fi sur-sagalee kee bifa salphadhaan argachuu danda’an odeffannoon kee kan dhunfaa saxilamee jira jechuudha.

4. Maqaa namoota fi ergalee fayyadamuun (Access to Your Contacts and Messages)

Appileen gariin fakenyaaf kan akka wallpaperi yeroo bay’ee hayyama ergalee kee dubbisuu maqalee namoot laaluu fi media keesi gaafatan, kuni waan salphaa si fakkachuu dandaha garuu isaan odeffannoo kee kan dhunfaa kana namoota beeksisa hojjatanii fi warra dallaala odefannootti gurgurachuu danda’an

Akkamitti ofirraa dhaabuu dandeessa (How to Stop Your Phone from Spying on You)

Ofirraa dhabuuf bilbila kee darbuu hin gabdu, garuu haala itti fayyadamtu jijjiruu qabda ulagalee muraasa kan baayyee si fayyadan wajjin laalla.

1. Hayyama appileef kannite laali (Check App Permissions)

Bilbila kee Settings → Apps → Permissions keessa seenuudhaan hayyamoota appileef kana dura kannite kan akka camera, mic, fi location kanneen sin barbaachifne irraa kaasi.

2. GPS kee yeroo itti hin fayadamne cufi (Turn Off Location When Not Needed)

GPS kee yeroo fayyadamtu malee cufi, kuni odeffannoo dhunfaa kee qofa eguu osso hin ta’in batterybilbila keetillee siif qusata.

3. Appilee Odeffannoo dhunfaa tiksan fayyadami (Use Privacy-Friendly Apps)

Fakkeenyaaf, browser fi search engine kee kanneen armaan gadiitti jijjiiruun filannoo gaariidha:

  • Brave bakka Google Chrome – odeeffannoo kee hin funaanu, beeksisa fi hordoffii ni uggura.
  • DuckDuckGo bakka Google Search – si hin hordofu, odeeffannoo hin sassaabu.
  • Signal bakka WhatsApp – ergaa siif ergamee fi si irraa ergamu hundi sirnaan dhokfamee jira (end-to-end encryption) qaba.

4. Softiweera bilbila keeti harayoomsi (Update Your Software Regularly)

Softiweeriin bilbila keeti kan dulloome rakkoof si saaxiluu dandaha, kanaaf yero yerootti harayoomsuu hin dagatin.

5.Appilee bilisa ta’an kan nama shakisiisan ofirraa eegi (Avoid Suspicious "Free" Apps)

Yoo appileen bilisa ta’an hayyama camera, mic, fi kkf si gaafatan akkanumatti hayyama hin kanniniif ofirraa laali sirrit ykn delete firraa godhi, appii yeroo bustu yaada namoota laalii buufadhu.

Odeffannoo kee egachuuf yeroon hin dabarre (It’s Too Late to Protect Your Data.)


Every step you take improves your digital safety. You don’t have to be a tech expert to take control. Start small. Start today.

Tarkanfileen ati odeffannoo kee kan dijitaala egachuu irratti fudhattu bekkumsaa fi muxannoo dijitalaa siif dabalaa deeba, odeffannoo kee kan dhunfaa egachuuf ogeessa(Tech expert) si hin barbaachisu ammuma irraa jalqabi.

Yaada goolabbii

Odeffannoo dhunfaa kee kan dijitalaa egachuun boona osoo hin taane dirqama sirraa egamuudha.
OGTECH irraa odeffannoowwan kana fakkataniifi kan biro illee afaan keetiin waan argattuuf irraa hin fagatiniin dhaamsa keenya, hiriyyoota kee biraan gahi.

Reader Comments