Maallaqni Kiripto maali?( What Is Cryptocurrency?)


Mallaqni kiripto gosa mallaqa dijitaala kan online irratti argamu ta’e bankii fi motummaaniis kan hin to’atamneedha, mallaqni kun sirna wal-xaxaa Blockchain jedhamu irratti hojjata. Sirni kun bayyee amansiisaa fi iftoomina kan qabuudha.
Akka mallaqa birri fi dolaara osoo hin taane kiripton intarneeta qofa fayyadamuun osoo qaama sadaffaa kan akka bankii hin barbaanne namoota lama jiddutti waliif daddabarsuun danda’ama.
Fakkeenya salphaa: Kiripto erguun akkuma nama email erguuti — Bakka silaa ergaa(Message) ergitu san maallaqa ergita, yeroo maallaqa ergitu kana qaama sadaffaa osoo hin barbaadne ergama.
Kiriptoon akkamitti hojjata (How Cryptocurrency Works)

1. Tekinoloojii Blockchain (Blockchain Technology)
Dadabarsi maallaqa kiripto marti galmee dijitalaa Blockchain jedhamu irratti galmaa’a. galmeen kun amanamaa, iftoomina kan qabuu fi hatuu(Hack) godhuun bayyee ulfaata.
2. Waletota Kiriptoo (Crypto Wallets)
Wallet jechuun sanduuqa mallaqaa jechuudha
Kiripto fayyadamuuf, waleetii dijitaalaa si barbaachisa. Kunis appii yookiin sooftweera ta’ee maallaqa dijitaalaa kan ittiin kuufattuudha. maallaqa dijitaalaa Ittiin erguu, argachuu, fi to’achuu dandeessa. Waleetiin teessoo (address) siif kenna, akkasumas bilbilaa fi koompitara irratti fayyadamuu dandeessa.
Fakkeenya waletoota beekamoo ta’anii:
• Trust Wallet
• MetaMask
• Binance Wallet
Waleetiin teessoo addaa(unique address) siif kenna — akkuma bankiin lakkoofsa herregaa (Account Number) siif kennu kan namoonni biraas lakkoofsa herregaa san irratti maallaqa siif ergan, teessoo addaa kee irratti kiripton siif ergama. yoo wallet ykn password (private key) kee dagatte maallaqa kee gutumatti dhabuu dandeessa.
3. Daddabarsuu (Transactions)

Hojii kiripto keessa inni guddaan mallaqa addunyaa kana iddoo barbaadetti erguu fi fudhachuus ni dandessa osoo qaama sadaffaa akka bankii hin fayyadamne, wanti takkittiin si barbaachisu teessoo waleetii (wallet address) qabachuu qofa, daddabarsi mallaqa Networkii Blockchain irratti raawwatama. Dadabarsi kiripto saffisaadha fi yeroo bayyee daqiiqaa muraasa qofa keessatti kan rawwatuudha kuniis saffisa networkii irratti hundaa’a.
Kiriptoon Maalif Nu barbaachifti (Why Is Crypto Important?)

Kiripton maallaqa dijitaalaa qofaa miti — carraa haaraa addunyaa guutuu irratti namaaf bana.
- Jiddugalessumma hin qabu (Decentralization):
Kiripton mootummaa, baankii yookaan dhaabbata tokkorratti hin irkatu. Namoota dhuunfaa irratti hundaa’a (peer-to-peer network) Kun iftoomina fi walqixxummaa fida. - Maallaqa Fayyadamuu (Financial Access):
Namoonni baay’een baankii hin qaban. Garuu kiriptoo fayyadamuun maallaqa ergachuu, fudhachuu, tajaajila kaffaluu fi carraa hojii online argachuu ni danda’u — bilbila fi interneeta qofaan. - Fayyadama Addunyaa Guutuu (Global Use):
Kiripto gara biyya kamittuu erguu dandeessa — daangaa hin qabu, qaama sadaffaa hin barbaadu. Western Union, baankii yookaan turtii dheeraa hin barbaachisu. saffisaan, kallattidhaan, fi addunyaa guutuu tajaajila.
Fakkeenya Kiriptowwan Beekamoo ta’anii.

Kiriptoo hedduutu addunyaa irra jira — garuu muraasa qofa bal’inaan itti fayyadaman. Mee haa ilaallu:
- Bitcoin (BTC) – Kiriptoon jalqabaa fi kan amma gatii olaanaa qabu.
- Ethereum (ETH) – Platformii smart contract fi dApps (app dijitaalaa of danda’an) irratti hojjetu.
- Solana (SOL) – Sirna blockchain ariifataa fi kaffaltii xiqqoo qabu.
- Tether (USDT) – Stablecoin ta’ee kan Doolaara Ameerikaa waliin wal simatu.
- Litecoin (LTC) – Saffisaa fi salphaa ta’e kan Bitcoin fakkaatu.
kiriptoon 10,000 oliitu jira — garuu muraasa qofa namoonni amananii itti fayyadamaa jiru.
Kiriptoo Itoophiyaatti

Kiriptoon yeroo ammaa maallaqa seera-qabeessa jedhamee Baankii Biyyooleessa Itoophiyaa irraa Hayyama hin araganne. Haa ta’u malee, namoonni Itoophiyaa keessatti barachuu, qorachuu fi fayyadamuu ni danda’u — keessattuu kaayyoo barnootaa fi dhuunfaa irratti.
Amma namoonni baay’een biyyattii keessatti:
- Hojii online (Freelancing) gochuun mindaa isaanii kiriptoo dhaan argachaa jiru
- Walletii kiriptoo fayyadamuun maallaqa kuufachaa jiru
- Tajaajila dijitaalaa argachuuf kafaltii ittiin rawwachaa jiru.
- Teknoolojii blockchain fi carraa mindaa online irratti barnoota argachaa jiru
🚨 Garuu, of-eeggannoo gochuun baay’ee barbaachisaa dha. Ofumaan qoradhu (Do Your Own Research).
Garaagarummaa Bankii fi Kiripto (Crypto vs Traditional Banking)
Maallaqa walii daddabarsuu keessatti, baankii fi kiriptoo Mee garaagarummaa isaanii haa ilaallu:
Amaloota Baankii
- ID barbaachisa: Eeyyee
- Carraa fayyadamaa: Muraasa qofatti
- Saffisa ergaa: Sa’aatii ykn guyyaa
- Kaffaltii: Ol’aanaa ta’uu danda’a
- Iccitii fi odeeffannoo: Bankiin si beeka
Amaloota Walletii Kiriptoo
- ID barbaachisa: Hin barbaachisu
- Carraa fayyadamaa: Namni interneeta qabu hunda
- Saffisa ergaa: Daqiiqaa muraasa
- Kaffaltii: Baay’ee xiqqoo
- Iccitii fi odeeffannoo: Ati ofii keetiin to’atta
Hubachiisa: Kiriptoon bilisummaa fi saffisa siif kenna, garuu of-eeggannoo fi itti-gaafatamummaa barbaada. Baankiin ammoo sirna fi eegumsa seeraa qaba, garuu daangaa fi kaffaltii qaba.
Kiriptoon Akkamitti Argamsiise?
Namoonni baay’een kiriptoo irraa galii argachaa jiru. Garuu kun carraa galii dhabbataa ittiin argatani miti. Gatii kiriptoo ni dabala, ni hir’ata. Karaa ittiin namoonni galii argatan mee haa ilaallu:
1. Bituu fi tursisuu (HODLing)
Kiriptoo (fakkeenyaaf Bitcoin) bitanii ji’oota ykn waggoota tursiisu.
👉 Gatiin isaa yeroo dabale gurguranii bu’aa argachuu.
2. Trading (Gurgurtaa)
Gatii gadi’anaatti bitanii, gatii ol’aanaatti gurguru — akka gurgurtaa ‘stock’ ykn forex.
👉 Karaa kanaan bu’aa argachuun dandeettii, yeroo sirrii fi muuxannoo barbaada
3. Staking (Kuusuu)
Kiriptoo kee sirna blockchain keessatti kuustee turisisuudha akkuma mallaqa yeroo bankii keessee yeroo dheraaf ture dhala fidutti hubachiisa kun haraama RIBA qaba, barnoota qofaafi.
4. Taphaan Aragachuu (Play-to-Earn)
Taphoonni blockchain akka Axie Infinity, Tapswap, Notcoin, Hamstercompat tapha hirmaataniin token argachuu si dandeessisu.
👉 Namoonni tokko tokko tapha qofa irraa galii argachaa jiru.
5. Hojii online (Freelancing)
Ogummaa keetiin Fiver, Freelance, affiliate faa hojjattee kafaltii karaa kiriptoo fudhachuu dandeessa.
👉 USDT ykn ETH irratti kafaltii argachuun danda’ama.
Kiripto akkamitti egumsaan fayyadamta? (How to Store Crypto Safely)
Yeroo kiriptoo fayyadamnu of-egannoon bay'ee barbaachisaadha, of-eguudhaf qajeelfamoota armaan gadii fayyadami.
- Waletilee amanamoo kannen akka Trust Wallet, Coinbase wallet, Binance wallet fi MetaMask fayyadami
- Furtuu dhunfaa (Private Key) fi jechoota dhoksaa ( Seed Phrase) kee eegadhu, waraqaa irratti barreessi bakka jabduu kaa'i.
- Marsireetii sobaa, ergaa Phishing, fi Linkilee barbaachisaa hin taane hin seenin.
Soboota kiriptoo irraa of eeggadhu (Common Crypto Scams to Avoid)
Gowwomsitoonni bay’een maqaa kiriptoo fayyadamuun nama saaman amaloota isaanii irraa:
- Bu’aa guddaa ballama siif seenan
- Website fi ergalee iccitii waleetii keetii si gaafatan
- Kennaa sobaa fi kafaltii bilisaa siif dhiheessan
- Namoota mallaqa guddaa akka argattuuf mallaqa si gaafatan.
Jechoota Maallaqa Dijitaalaa (Crypto) Baruu Qabdu
Wallet: Appii Kiriptoo itti kuufatan, ergan ykn argatan.
Blockchain: Tekinoolojii daldala kiriptoo irratti hundaa’e.
Token: Wanta gatii qabu ykn maallaqa fakkaatu kan blockchain irratti argamu
Exchange: Pilaatformii kiriptoo itti bitanii fi gurguran (fakkeenyaaf: Binance)
Stablecoin: Kiriptoo gatii maallaqa mootummaa (fakkeenyaaf: USD) waliin wal-qixa.
Gas Fee: Kaffaltii daldala Kiriptoo raawwachuuf kafalamu
Yaada Xumuraa
Maallaqni kiriptoo (Cryptocurrency) tilmaama yeroo gabaabaati miti — tekinoolojii haaraa fi ce’umsa haqa qabeessa ta’e dha. Maallaqni kun bilisummaa, saffisa, fi addunyaa guutuu irratti fayyadamuuf carraa ni kenna. Haa ta’u malee, hubannoo gahaa, of-eeggannoo fi tarsiimoo itti fayyadamuun barbaachisaa dha.
🎓Announcement!
We’ve prepared a complete and beginner-friendly course titled “Crypto & Blockchain Basics: The Complete Beginner’s Guide (Ethiopia Edition)” — and it officially starts on September 1, 2025.
👉 Seats are limited! So make sure to join our Telegram Here to secure early access and get accepted before it fills up.