Intarneenni akkamitti maallaqa jijjiire (How the Internet Changed Money)

Bahar IsmailBy Bahar Ismail
Featured image for Intarneenni akkamitti maallaqa jijjiire (How the Internet Changed Money)

Intarneenni jireenya keenya gutumatti jijjiree jira, haala hariiroo itti goonu, akkataa itti barannu, bittaa fi gurgurtaa, bohartii fi hojiis. yeroo amma jirru kanatti wantoota kana hunda osoo mana keenya irraa hin baane rawwachuu dandenya, garuu kana caalaa intarneenni maallaqa irratti jijjirama ajaa’iba fidee jira ha ta’uu immoo namoonni bay’een waan kana hin hubanne akkamitti jechuu dandeessa? kana hubachuuf barreeffama kana gutumatti dubbisi.

https://digikhata.in/imgcdn/BlogPost/Original/133585928926679788.jpg
evolution of money

Kana dura maallaqni wahuma harkaan qabatan ture, kunis sibiila, waraqaa kan kiisha keenya keessatti ba’annu ammallee kan bankilee fi motummaadhaan to’atamu ture, mallaqa erguuf dirqama bankii deemu qabda, yoo biyyaa ala ta’e erguun daran jabaata ture.

Garuu yeroo amma jirru kanatti intarneenni hojii kana hunda salpisee jira maaliif maallaqa dadabarsuuf osoo bankii hin deemne manuma kenya tenye appilee garagaraan dadabarsuu dandeenya, online irraa waa bituus ta’ee gurgurtaas, hojachuu fi hojjachifachuus akkasuma, kuni hundi jijjiirama intarneetaan dhufeedha.

Wanti kun asumarratti hin dhaabbanne daran cimee itti fufe maaltu argame beeyta waan Cryptocurrency jedhamu akka maallaqa isa kaanii baankii kaa’uus ta’ee harkaan qabachuu qama tokkon (centralized) hin to’atamu, kuniis walitti hidhata computer hedduu ta’an kan addunyaa kana irra jiraniin hojjata namoonnis mallaqa dijitaalaa kana qaama sadaffaa(Bankii) malee waliif daddabarsuun danda’ame jira.

https://resize.indiatvnews.com/en/resize/newbucket/1200_-/2021/11/crypto-1637913891.jpg
cryptocurrency

Gosti mallaqaa kun maallaqa qaama tokkoon hin too’atamne (decentralized digital currency) jedhama, innis waan blockchain jedhamu irra jiraata kunis akka Dabtaraa (Notebook) guddaa tokko kan namoota bay’eef mula’tu irratti galmaa’ee dadabarsi mallaqaas achuma irratti bifa iftoomina qabuun namoota hundaaf mul’ata.

Maallaqni jalqabaa kan sirna Kanaan uumame Bitcoin jedhama innis bara 2008 irratti yeroo rakkoon mallaqa addunyaa (global financial crisis) uumamu akka furmaatatti nama dhunfaa ykn garee Satoshi Nakemeto jedhamuun uumame, gafas irraa jalqabee coin(Callaan) biraatiis sababa garagaraaf uumamuu jalqabanii walumaan mallaqa dijitaala addunyaa ta’an.

Duuba wanni kun maalif nu barbaachise sababni isaas rakkoo maallaqa waraqaa Kanaan argamu, mallaqa dijatalaatin furmaata itti kennuufi akkamitti jechuu dandeessa kunis dadabarsa mallaqaa salpisuu, mallaqani waraqaa bu’aa dhabaa deema kanaaf mallaqani dijitalaa kun Olka’insa gatii (inflation) dandamachuuf gargara, addunyaa waliin tarkanfachuuf gargaara. Mallaqani dijitaala kun akkuma seenatti dabaluu malee hir’achuu hin qabu fkn Bitcoin bara 2008 0$ amma immoo 120,000$ jirti.

Mee kana yaadi wagga digdam dura namni tokkollee manuma kiyya taa’eetin laptop irratti addunyaaf waa gurgura ja’ee hin beeku. Garuu yeroo amma jirru tana kun hundi danda’amee jira haluma Kana fakkatuun mallaqni dijitaalatiis normal tahaa jira, namoonni waa bituuf, qusachuuf, invest godhuu fi mallaqa ergufiis kana fayyadamaa jiran.

Akkuma beekamu wanti haarayni soda (Riski) qabdi, hattoota(Scammers) tu jira akkuma mallaqani waraqaatu hatamu jechu. kanaaf waa’ee mallaqa dijitalaa barachuu fi hubachuun barbachisaadha, yeroo namoonni akkataa inni itti hojjatu baran bifa Ogummaa fi of-egannoo qabuun fayyadamuu danda’an jedhuudha.

Intarneenni akkataa odeffannoo itti barbaannu, hariiroo itti uumnu, haala ittin barannuu jijjiree jira, ammaas akkataa maallaqa itti fayyadamnu, itti dadabarsinuu fi itti kuusannu nu barsiisa jira, ati yoo barataa, abba qabeenyaa, qonnaan bulaa, fi barsiisaa taatees haala intarneenni ittiin jijjirame barachuun barbaachisaadha, kuni namoota muraasaaf osoo hin ta’in nama hundaafi.

Maallaqni waraqaa fi calla bira dabaree jira, akuma wali galaatti gara dijitaala tarkanfachaa jira, kuni hundi jijjirama intarneenni fideedha. Odefannoo fi barnoota kana fakkatuu argachuuf website Ogummaa tech irraa hin fagaatin. Nagayatti

Reader Comments